03/12/2019
Yeroo tokko tokko dubbii garagalchinee ilaaluun dansa.Muummicha Ministiraa Dr Abiyyi Ahmed,addunyaan wayita ammaa garmalee leellisaa jirtu kana ana dabalatee hundi keenya itti duulaa turre.Ammas itti duulaa jirra.Garuu namni kun waca keenya kana nuffee odoo akka heera biyyattiitti aangoo isaa fedhii isaatiin gadhiisee,akka heera biyyattiitti Itti’aanaa isaa Dammaqaa Mokonniniitu salphaatti harkatti galfata.Uummanni habashaa nuu caalaa faayidaa barcumaa beeku.Mucaan gamni kan harkatti qabatte qabatteetu dabalataaf boossi akkuma jedhamu sana, isa harka nuu gahe jabeeffataa isa dabalataan hawwinuuf waloon tattaafachuu wayya.Hundaafuu wal qusataa fi hubataa deemuun barbaachisaadha.Rakkoon wayita uumamu tasgabba’anii furmaata itti soquutu irra filatamaadha.Dr Abiyyi waliin dheengadda marii irra turre.Gaaffilee dhimma Oromoo irratti xiyyeeffate mara itti kaafneerra.Dr Abiyyi akka jedhutti “ani Oromoo ganee odoo hintaane,aangoon biyyattii kanaa jaarraa hanga jaarraatti akka Oromoo harkaa hinbaaneetti tolchee hojjachaa jira jedhe.Garuu Uummanni kiyya Oromoon naa hubachuu dadhabe” jedhe.Itti dabaluunis “haati koo akka Amaara taateetti himamaa jira.Garuu haatikoo Oromoo Shawaa Tuulamaa as naannoo Mannaagashaa Suubbaatti dhalatedha.Abbaa koo kan Oromummaa isaa barsiifte haadhakooti jedhe.Waanti amma adeemsisaa jiru marti gaaffii Oromoo deebisuudhaaf haala mijeessuudhaaf malee abdan gaaffii Oromoo ukkaamsuuf miti” jedhe.Fulduratti gaanfa Afirikaa keessatti kan dhageettii guddaa argatee godinicha bulchuuf deemu Oromoodhas jedhe.Hundaafuu tasgabboofnee waan deemaa jiru xiinxalaa haa deemnu jenna.Wal dhabuurrra walta’uutu bu’aa qaba.Tokkummaan Uummata keenyaas haalaan eegamuu qaba.