Dr Bonaa Qajeela

Dr Bonaa Qajeela Fayyaa qabadhaa

Ijoollee Dhiiraa dhaqna qabsiisuu Kan qabnu umurii meeqarratti?••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Maatiin heddu...
06/14/2023

Ijoollee Dhiiraa dhaqna qabsiisuu Kan qabnu umurii meeqarratti?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Maatiin hedduun ilmi isaanii akka dhaqna qabatuuf umurii gaarii taʼe ni gaafatu. Umuriin dhaqna qabaaf filatamaa ta'e mucaan dhalatee guyyaa 8ffaa irraa kaasee hanga dhuma ji'a sadaffaattidha.

Sababiin isaas፡
1. Umurii kanatti daa'imman dhukkubbii xiqqaatu itti dhaga'ama

2. yeroo dhaqna qabaa sochii xiqqaa waan taasisaniif hin rakkisani

3. gara fuulduraatti waa'ee dhaqna qabamuusaanii kana (kan opereshinichaa) yaadannoo hin qabaatan

Duudhaaleen amantii irra caalaan isaanii dhaqna qabaan dafee akka godhamu gorsu.

Dhaqna qabaa ga'eessotaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, dhaqna qabaan daa'immanii tooftaalee salphaa ta'aniin Kan hojjatamu yommuu ta'u fayyuufis yeroo gabaabaa itti fudhata.

Dhiironni ijoollummaatti dhaqna qabaman yeroo baayyee iddoon madaa yeroon booda sirriitti fayyaa waan deemuuf godaannisni uumamu fooyya'aadha (sirriitti hin muldhatu).

Muuxannoo keenya irraa malli Amartii/qubeelaadhaan dhaqna qabuu akka gaariitti kan hojjetu daa'imni umuriin isaa ji'a afurii gadii yeroo dhaqna qabamudha. Umriin kun haadha mucaa kunuunsituufis ta'ee daa’imaaf

WALQUNNAAMTII SAALAA OF-EEGGANNOO HIN QABNE!Dhibeewwan sal-quunnamtii of-eeggannoo hin qabneen daddarban keessaa angafoo...
06/14/2023

WALQUNNAAMTII SAALAA OF-EEGGANNOO HIN QABNE!
Dhibeewwan sal-quunnamtii of-eeggannoo hin qabneen daddarban keessaa angafootni kan akka fanxoo, shopxoo, abbaa sangaa, abbaa seeruu kkf fa'i.
*************************************
Mallattooleen Dhibee saalqunnamtii of eeggannoo hin qabnee kanneen armaan gadiiti:
1. Karaa qaama saalaa dhangala'aan adda ta'e ba'uu,
2. Madaa'uu naannoo qaamota wal-hormaataa,
3. Dhukkubbii gadameessaa fi qaamota wal-hormaataa,
4. Dhiita'uu cidhaani fi xannachoota ollaa jiranii
5. Daa'immaan akkuma dhalataniin iji isaanii dhiita'uu fi ciimmaa dhangalaasuu (Qaama walhormaata haadha irraa yeroo da'umsaa kan itti darbu jechuudha) fi k.k.f dha
*************************************
Dhibeewwan kanaaf kan nama saaxilan(risk factor)kan akka:
-Umurii dargaggummaa,
-Tokkoof tokkoon jiraachuu dhiisuu,
-Dandeettiin ittisa qaama keenyaa hir'achuu,
-Nama sal-quunnamtii waliin raawwatan jijjiiruu ykn baayyisuu,
-Shamarran mana bunaa waliin walquunnamtii saalaa gochuu,
-Ijoollummaan heerumuu fi k.k.f nidha.
*************************************
Rakkoolee ykn miidhaa dhukkuboonni kun namatti fidan baay'eedha, keessaa muraasni:
-Dhala dhabuu,
-Ulfa gadameessaan alaa (ectopicpregnancy),
-Dhukkubbii gadameessaa yeroo dheeraa,
-Dhibee fincaanii kan dhiiraa,
-Jaamina yeroo daa'immummaa
-Wal hiikuu haadha manaa fi abbaa manaa fi k.k.f dha
*************************************
Maloota ittiin ofirraa qolannu/ittisnu/
1ffaa- sal-quunnamtii irraa bilisa ta'uu 2ffaa- Tokkoof tokkoon jiraachuu,
3ffaa- Haala gaariin condoomii fayyadamuu *************************************
Mallattoolee dhibichaa ofirratti argan gara mana yaalaa deemuun dawwaa fudhachuun salphaatti fayyuun ni danda'ama.
Yoo mana yaalaa deeman, mallattoon nama tokko qofarratti argamu illee jaalalleewwan (dhiiraa fi durbaa) lamaanuu walfaana qoricha isaa fudhachuu qabu.
Dr. Bonaa Qajeela

Address

Atlanta, GA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Bonaa Qajeela posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category