Dr Nafyad Getu

Dr Nafyad Getu Beellama qabattanii dhuftanii yaalamuuf
Finfinne, Hayat, Derartu adebaby . 0909102009 fayyaan faaya
(5)

kaayyoon page kanaa lammiikoo utuu hin baratin na barsiise ogummaan qabuun tajaajiluudha!

Of eeggannoo ‼️‼️Group Telegram irratti banamee Maqaa kiyyaan daldalamaa jiru kun kan kiyya miti !Yeroo baay’ee maxxansu...
11/19/2025

Of eeggannoo ‼️‼️
Group Telegram irratti banamee Maqaa kiyyaan daldalamaa jiru kun kan kiyya miti !
Yeroo baay’ee maxxansuun hubachiisuuf yaaleera. Namoonni fake account bananii maqaa namoota amma kana group keessatti add yoo gootan Qarshii amma kanaa argattu jechuun screenshot photoshop hojjetanii nama gowwoomsaa jiru.

Ani group Maqaa kiyyaan bane tokko hin qabu . Kanaaf group telegram kun kan kiyya akka hin taane bartanii group sana keessaa akka Baatan kabajaan isin gaafadha !

Galatoomaa !

11/18/2025

Jaalallee qabdaa ?

Suuraa kana barreefamaan ibsi yoo jedhamte Maal jettee ibsita ?🫣
11/17/2025

Suuraa kana barreefamaan ibsi yoo jedhamte Maal jettee ibsita ?🫣

11/17/2025

Yaalii rakkoo dafanii xumuruu yeroo wal qunnamtii saalaa

Of eeggannoo‼️Dhibee sodaachisaa Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kaheefi Simbira halkanii!Tibbana weerarri Dhi...
11/15/2025

Of eeggannoo‼️
Dhibee sodaachisaa Heemoraajik fiiver Kan naannoo jiinkaatti kaheefi Simbira halkanii!

Tibbana weerarri Dhibee Heemoraajik fiver naannoo jiinkaatti kahe sababa vaayirasii “Marburg virus “ jedhamuun dhufuu isaa qorannoon mirkaneessee jira !

Baattuun vaayirasii kanaa sinbira halkanii (Fruit Bats) iedhamturraa namatti darba . Simbirri halkanii kun akka soorataatti fuduraaleef abaabboo fayyadamti . Dhangala’aan Simbira kana keessaa bahu kan akka Fincaan , gororaa fi dhangala’aan biroo qaama ishii keessa bahu yoo nama tuqe vaayirasiin kun namatti darba .
Vaayirasiin kun yoo nama qabu carraan lubbuu namaa dabarsuu isaa baay’ee ol’aanaadha. Hanga %88 gahuu danda’a.

Dhukkubni kun nama mallattoo dhukkubichaa muldhisuu jalqabe irraa qofa namarraa namatti darba .

Simbirri halkanii baattoo vaayirasii kanaa taate kan isaan jiraatan holqa keessadha. Gaafa namoonni albuuda baasuuf akkasumas waan biraaf gara holqaa seenan, fincaan, udaan, ykn gorora sinbira halkaanii kanaaf saaxilaman vaayirasichi gara namaatti daddarba .

Vaayirasiin kun nama Dhibee kanaan qabamee mallattoo agarsiisu waliin tuttuqii qaamaa fi dhangala’oo qaamaa kanneen akka Dhiiga, gorora, fincaan, sanyii dhiiraa (ispermii) , furrii, imimmaan, dafqa, , balaqqama fi kanneen biroo isaan keessa bahuuf saaxilame Dhibee kanaaf saaxilama. Kana qofa osoo hin taane Uffata walii uffachuun, siree tokko irra waliin ciisuu, wal dhungachuu fi wal qunnamtii saalaan daddarba.

Vaayirasiin kun of eeggannoo yoo hin goone carraa inni dhukkubsataa irraa gara ogeessota fayyaatti daddarbuu isaa olaanaadha. Namoota Dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe awwaaluuf Yeroo kafananis of eeggannoo yoo hin goone gara nama isa kafanu sanatti ni daddarba .

Namoonni dhukkuba vaayirasii kanaan qabaman mallattoo armaan gadii agarsiisu

- Dhaqna gubaa/qaama gubaa
-Dadhabbii gar malee
-Dhukkubbii maashaa fi buusaa
-Mataa dhukkubbii
-Teessisaa/garaa kaasaa
-Olguurraa/balaqqama

Yoo dhibeen kun daraan hammaachaa deeme dabalataan malattoo akka
-Dhiiguu qaamaa karaa funyaanii, afaan, irga ilkaanii, gogaa jala, ija, karaa qaamaa saalaa fi qaamota keessaa
-Garmalee gadi bu'uu dhiibbaa dhiigaa
-Dadhabuu kalee fi tiruu fi qaamota ijoo biroo
-Of wallaaluu faa agarsiisa

Kanaaf of eeggannoo akkamii gochuu qabna?

-Nama Dhibee kanaan qabame ykn mallattoo agarsiise waliin tuttuqqii qaamaa gochuu dhiisuu
-Yoo nama dhibee kanaan qabame yaalan/kunuunsan golgaa harkaa fi meeshaalee addaa dhimma kanaaf hijiirra oolan (personal protective equipment) fayyadamuu.
-Nama Dhibee kanaan shakkame hatattamaan gara mana yaalaa geessuu
-Harka keenya saamunaaf bishaaniin qulqulleefachuu ykn Sanitizer fayyadamuu

Fayyaa hin dhabinaa
Dr Naafyaad Geetuu

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisnu1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaalattu mariisisi2. Basha...
11/08/2025

Akkaataa yaaddoo ykn sodaa of irraa ittisnu

1. Waa'ee yaaddoo(rakkina)keetii dubbadhu. Hiriyaa jaalattu mariisisi
2. Bashannanuu shaakali. Karaa sammuukee dhiphina sana keessaa baaftu fayyadami
3. Qilleensa dheeraa baafadhu
Boqonnaa yeroo gabaabduufi hafuura dheeraa(jalaa kaasanii hamma oliitti) baafachuun dhiphinakee irraa si boqochiisa.
4. Sirriitti nyaadhu.
Guyyaa kee ciree gaarii nyaachuun eegali. Biqiltoota fayyadamuun aarii qabbaneessa.
5. Garee gargaarsaa barbaadi.
Muuxannoo namoota kaanii irraa barumsa baay'ee argatta. Isaanis rakkinakee si hubatu.
6. To'annoo yaadaa
Yeroo yaadonni si yaaddessan gara gola sammuukee dhufan "Waawuu" jedhii waan biraa yaaduu ykn dalaguu eegali.
Fknf, kitaaba qulqulluu, xiinsammuu, onnachiisaa, asoosama garaagaraa dubbisi. Yaaddookee achi keessa dhokfatta.
7. Sammuukee hojiidhaan akka qabamu godhi. Hojii malee taa'uun yaaddoo namatti hammeessa.

8. Malaan miira busheessuu
Adeemsi kun tooftaa bashannanaa barachuun isa Burqaa yaaddoo adda baasuufi to'achuuf nama gargaaru of keessatti qabata. Adeemsi isaas saffisaadha. Carraan milkaa'uu is a as olaanaadha. Haa ta'u malee hirmaanna hayyoota xiinsammuu barbaada.

Fayyaa hin dhabinaa

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu (vigra) hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!...
11/02/2025

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu (vigra) hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!

Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.

Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.

Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.

Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama.

Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.

Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qaban keessaa muraasni:-
1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.

Namoonni rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa , dafanii xumuruu yeroo wal qunnamtii saalaa qabdan dhuftanii nu biratti qorannoof yaalii argachuu dandeessu !
Teessoon keenya Hayat , Derartu Adebaby
0909102009 bilbila ittiin beellama qabattan!

Fayyaa hin dhabinaa !
Dr Nafyad Getu

🙏🙏
10/30/2025

🙏🙏

DECx Spotlight: Dr.Nafyad Getu

Since childhood, one dream lived deeply in the heart of a young boy from East Wollega. He wanted to become a medical doctor. That boy grew into Dr. Nafyad Getu, a man whose purpose never faded. After years of dedication, he fulfilled his dream by studying medicine at Haramaya University.

He started his career as a university lecturer, teaching with passion and inspiring future health professionals. But he always believed that important knowledge should reach everyone, not only students sitting inside a classroom. He knew there were people suffering silently simply because no one ever taught them the truth about their bodies and their health.
So he stepped out. With courage and purpose, he began sharing health education on Facebook, TikTok and YouTube. He chose to speak openly about topics many avoided, including sexual health, sexually transmitted diseases, and reproductive health. These were conversations society often pushed into silence. His approach shocked some people and attracted criticism, but it also awakened millions. Dr. Nafyad always responded with calm determination saying that health without shame is a right and a necessity. Very quickly his content spread across the country. People listened, learned and shared. His bold voice earned him a name from the public “Abbaa Cabsaa”.

Today he has a strong and growing community including 576K followers on Facebook, 443K subscribers on YouTube and more than 539K on TikTok.
He did not only educate online. He wrote “Faaya Fayyaa”, a health book in Afaan Oromo, so communities can learn in their own language with dignity and clarity. He opened his own clinic in Addis Ababa to serve patients directly. Through his show on ETV Afaan Oromo, he brings accessible health knowledge to households across the country.

Dr. Nafyad Getu could have chosen comfort, silence and a conventional medical career. Instead, he chose courage, truth and service. From a boy with a dream in East Wollega to a doctor, writer, educator and public health leader, he continues to remind us that knowledge saves lives and silence can harm them.

From a childhood dream to a national voice, Dr. Nafyad has proven that purpose grows when shared with others. By breaking silence and spreading truth, he has opened doors to awareness and dignity in health. His work continues to inspire and transform lives every single day.
…..........................

This story is brought to you by Debo Engineering, a leading digital innovation and software company, in collaboration with DECx Marketing Agency, Ethiopia’s influencer and brand storytelling agency.

Check our website: http://www.decxmarketing.com

For more updates follow our social Medias pages:
Facebook: https://web.facebook.com/DECxMarketingAgency
Linkedin: https://www.linkedin.com/company/decx-marketing-agancy/
Telegram: https://t.me/decxmarketing
TikTok: https://www.tiktok.com/
Instgram : https://www.instagram.com/dexc.marketing

Dr. Gurmessa
10/11/2025

Dr. Gurmessa

MATAA DHUKKUBBII fi GOSOOTA ISAA

Mataa dhukkubbiin gosoota hedduu kan qabu yoo ta'u, kanneen armaan gadii kun sadan warreen hawaasa baay'inaan hubanii fi hawaasni keenya adda baasee beekuu qabudha.

1. MATAA DHUKKUBBII MAAYIGIREENII (Migraine Headache) [Fakkii: B]:
Inni kun dhukkubbiin isaa baay'ee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isaa yeroo hedduu mataa gama tokkoon hiree kan dhukkubu, dhukkuubbii mataa keessaa nama dha’atu (throbbing), kan namatti cimaa deemu, yoo takkaa dhukkubuu eegalu sa’atii muraasaa haga guyyaa sadillee turuu kan danda’u, sochii (activity) irraan kan nama eegalu danda'udha. Maayigreeniin mataa dhukkubbii irratti dabalataan, mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko mataa dhukkubbiin kun dhufuu isaan dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan ziig zaag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dadhabuu fi kanneen biroo argisiisa. Yeroo kana namoonni mataa dhukkubbii gosa kana qaban akka mataan dhukkubbii kun isaanitti ka'uuf jedhu ni beeku.
Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee ol ka’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Akkuma dhuunfaa keenyaatti waan nutti kaasu beeknee irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisuu dide mana yaalaa deemnee qoricha ogeeyyii yaalaan ajajamu fudhachuu qabna.

3. GOSA MATAA DHUKKUBBII TEENSHINII (Tension Headache) [Fakkii: A] kan jedhamu kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isaa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Mataa dhukkubbiin kun, mallattoo dabalataa hin qabu, mataa dhukkubbii qofa! Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka “paracetamol” fi kkf (ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutumaa guututti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uufaa waliin walqabata. [Fakkii A]

3. MATAA DHUKKUBBII KILAASTERII (Cluster Headache) [Fakkii: C]: Inni kun gosoota mataa dhukkubbii bal'aa trigeminal autonomic cephalgia jedhamu keessatti kan argamu ta'ee, mataa gam tokko (bitaa ykn mirga) qofa, naannoo ijaa kan dhukkubu yoo ta’u, gama dhukkubu sanaan mallattoowwan: ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu, ija diimessuu fi funyaan cufuu agarsiisa. Ciminni dhukkubbii isaa garmalee hamaa, dhukkubbii mataa kanneen biroo irra kan caaludha. Dhukkubbiin isaa yoo jalqabu naannoo ijaa irraan kan eegalu, akka mataa dhukkubbii gosa kaanii suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaa dhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’uudha. Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko irriba keessaallee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasumaa kan hin beekamne yoo ta’u, kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan akkka darbu ibsu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.

Fayyaan Faaya.
Dr. Gurmeessaa (Ispeeshaalistii dhibee keessaa)

09/28/2025

Alert

Address

541 Milligan Drive
Stone Mountain, GA
30083

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dr Nafyad Getu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Practice

Send a message to Dr Nafyad Getu:

Share

Share on Facebook Share on Twitter Share on LinkedIn
Share on Pinterest Share on Reddit Share via Email
Share on WhatsApp Share on Instagram Share on Telegram

Category